GUYYAA KABAJA AYYAANA IIDAL-ADHAA FI COVID-19

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

IIDAL ADHAAN AYYAANA AKKAMIITI?

Hawaasa Muslimaa addunyaa tana irratti faffaca`ee jiraatu biratti,guyyaan ayyaanaa bebbeekkamaan lamatu jira. isaanis, guyyaa Iidal Fixrii fi Guyyaa Iidal Adhaa ti. Ayyaanni Iidal Fixir ayyaana jiini soomanaa erga xumuramee booda kabajamu yoo ta`u, ayyaanni Iidal Adhaa immoo akka lakkoofsa Hijraatti ji`a 12ffaa keessa guyyaa 10ffaatti kabajama.

Guyyaan ayyaana Iidal Adhaa kun guyyaa akkuma sirni hajjii xumurameen booda kabajamu yoo ta`u, guyyaa kana, hawaasni muslimaa addunyaa gubbatti argamu hundi waan qabu wajjiin qooddatee, firaa fi ollaan wal yaadatee, qabaataan hiyyeessa waan qabuun yaadatee, gammachuu, bashannanaa fi haala addaatiin kabajee oola.

AYYAANA IIDAL-ADHAA FI COVID-19

Sirni kabaja ayyaana Iidal-Adhaa sirna hordoftoonni amantii islaamaa hundi irratti walgahanii kabajatan waan ta`eef, carraan hawaasni lakkoofsaan kumaatamootaa fi miliyoonota hedduu ta`an walitti makamuu fi walitti dhihaachuudhaan wajjiin salaatuun dabarsu. yeroo kanatti immoo qabxiin ijoon irraanfatamuu hin qabne, dhimma dhibee vaayirasii koroonaati.

OF EEGGANNOOWWAN GODHAMUU QABAN MAAL FA`A?

Guyyaa kabaja ayyaana Iidal-Adhaa kanatti, of eeggannoowwan dhibee vaayirasii Koroonaa ittisuuf gargaaran keessaa muraasni, Maaskii Kaayachuu, Talaallii Covid-19 fudhachuu, Yoo dhukkubsattan Manaa bahuu dhabuu fi qorannoo barbaachisu gochuu, dabalataanis yoo dhibeen covid-19 isin irratti muldhate, yoo xiqqaate guyyoota 5`niif yookiin hanga woyyooftanitti manaa hin ba`inaa.

DHIMMA AYYAANA IIDAL-ADHAA FI COVID-19 IRRATTI GAAFII QABDUU?

Namoonni dhimma guyyaa ayyaana Iidal Adhaa fi Ittisa dhibee Koroonaa irratti Odeeffannoo dabalataa barbaaddan, suuraa cinaa kanatti argamu irraa argachuu ni dandeettu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

OROMIA11: Oduu 3-31-2025

1- Sirni kabaja Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1,446ffaan.

2- Hawaasa Karrayyuutiif deeggarsi hatantamaa barbaachisa ja’amee.

3- Itoophiyaatti baatii Guraadhala keessa namoota 1200 ol dhibee Gifiraan qabamuu ibsame.

4- Sababa “Firaankoo Vaalutaan haqameef” konkolaattonni fe’umsaa 140 buufata gogaa Samaraatti

5- Kirkira lafaa cimaa Maayinaamar mudateen namoonni du’an 1,700 gahuun ibsame

6- Somaalilaand yaada mootummaan Somaaliyaa buufata doonii Barbaraa Ameerikaan qofaatti akka to’attuuf dhiyeessitee kufaa taasifte.

7- Paayileetii Yuukireen Sudaan Kibbaatti rasaasaan haleelamuun xiyyaara haala ajaa’ibaan qubachiise.

8- Kilaboonni Geeba FA Walakkaa xumuraaf darban Adda bahaanii jiru.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu