KAFFALTII HOJJATTOOTA SARARA FUULDURAA MINISOOTAATIIF QOPHEEFFAME.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ameerikaa kutaa magaalaa Minisootaatti hojjattoota yeroo balaan dhibee koroonaa jalqabe sarara fuulduraa irratti argamuudhaan hawaasa isaanii tajaajilaa turan galatoomfachuudhaaf, bulchaan Kutaa Minisootaa Obbo Tiim Waalz Ebla 29,2022 tti Seera haaraa mallatteessee jira.

Hojjattoota Sarara Fuulduraa Gara Garaa

Hojjattoonni yeroo addunyaan balaa koroonaatiin jalqaba raafamaa turtetti hawaasa isaanii tajaajilaa turan, galata isaaniitiif kaffaltii akka argataniif seerri dandeessisu erga murteeffamee mallatteeffamee booda, adeemsi iyyannoon itti galfatamu,yeroon iyyannoo kana galfachuudhaaf kennamee jiruu fi odeeyfannoowwan dabalataatiif gama website Frontlinepay.mn.gov tiin argachuun akka danda`amu ibsamee jira.

Seera Bulchaan kutaa Minisootaa Obbo Tiim Waalz mallatteesse kana irratti, kaffaltiin hojjattoota sarara fuulduraa Minisootaatiif qophaa`e kun, ulaagaan isaa maal akka ta`e, dame hojii kamiin fa`a akka ta`e, iyyannoon akkamitti akka guuttamu, yeroo galmeef kennamee jiruu fi kaffaltiin maal fakkaata kan jedhu hunda of keessatti ammatee jira.

Odeeyfannoo dabalataa argachuudhaaf suuraalee asii gadii kanniin ilaaluu ni dandeettu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu