BEEKSISA TALAALLII COVID-19

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Lolaan dhibee koroonaadhaa ammas addunyaa fudhachuu fi dhabamsiisuu waan dhiisee jiru hin fakkaatu. ragaan kanaa immoo lubbuu nagahaa sababa vaayirasii kanaatiin guyyaa guyyaan harca`aa oolee buluuti. lubbuun nagahaa guyya guyyaan harca`aa jiraatus, hawaasni addunyaa tokko tokko waan gurra irraa cufate fakkaata. sababa vaayirasii kana too`achuu kan ta`e talaallii fudhachuu diduudhaan du`a ofiitiif sababa ta`aa jira.

Vaayirasii kana too`achuuf duulli talaallii hawaasa addunyaatiif kennuu erga jalqabamee turee jira, duulli kun USA,kutaa Minisootattis bifuma wal fakkaatuun itti fufee jira.duula kana milkeessuudhaaf yeroo irraa yerotti buufataaleen fayyaa gara garaatii fi ogeeyyonni fayyaa hirmaataa jiru.

Namoonni kutaa Minisootaa keessa jiraattanii fi kanniin carraa talaallii vaayirasii dhibee covid-19 hanga ammaatti fudhachuu hin argatin, akkasumas kanniin dooziiwwan gara garaa fudhatttanii, garuu humneessituu hin fudhatin, ammas carraa talaalliiwwan isin hafanii fi humneessituu (booster) fudhachuu waan qabdaniif, carraa argame kanatti fayyadamuudhaan iddoowwan armaan gadii kanniinitti argamuudhaan talaalamuu ni dandeettu.

HUBACHIISA

Odeeyfannoo sa`aatii, guyyaa, iddoo talaalliin itti kennamuu fi gosa talaalliiwwan kennamanii suuraawwanuma irraa argachuu ni dandeettu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu