TALAALLII COVID-19 FUDHATTEE JIRTAA?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Waa`ee dhibee Koroonaatii fi talaallii vaayirasii isaatiin wal qabatee odeeffannoon nuti qabnu, akkuma dandeettii, beekkumsaa fi odeeyfannoo qabnuutiin garaa garummaa qaba. Dhibee hawaasa addunyaa galaafataa jiru kana irraa of baraaruudhaa fi jireenya fayya qabeesse jiraachuudhaaf, fayyaa ofii dursanii eeggachuun barbaachisaadha.

Akkuma ogeeyyonni fayyaa addunyaa iddoowwan gara garaatii gorsanii barsiisanitti, dhimmi talaallii Covid-19 dhimma ijoo fayyaa hawaasa addunyaa du`a irraa baraaruu erga ta`ee bubbulee jira. Dippaartimantiin fayyaa Minisootaatis dhaamsuma wal fakkaatu qaba.

Akkuma suuraa kana irratti argaa jirtanitti, Talaallii covid-19 fudhachuudhaaf namoonni isaan irratti dirqama ta`e, namoota umriin isaanii wagga 5 irraa jalqabee achii ol jiran hunda.dhibee kana ofirraa ittisuudhaaf of eeggannoowwan barbaachisan godhuun cinatti, talaallii dooziiwwan gara garaa fudhachuun barbaachisaadha.

Namoonni Dooziiwwan talaalliiwwan kanniinii 2 fudhate itti aansuudhaan talaallii humneessituu fudhachuu kan qabu ta`us, Namoonni dhibee dandeettii ittisa qaama isaanii hirdhisu ykn dadhabsiisu qaban,yeroon isaan talaallii humneessituu itti fudhachuu qaban adda ta`uu waan danda`uuf ogeessa fayyaa isaanii dubbisuu akka qaban gorfama.

Jiraattonni Minisootaa carraa argatanitti fayyadamuudhaan talaallii covid-19 fudhachuudhaan, dhibee kana ofii fi Maatii keessan irraa, akkasumas hawaasa addunyaa irraa haa ittisnuu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu