Naannoo Beenishaangul Gumuuz fi Godinalee Oromiyaa Hedduutti Humnoonni Mootummaa Namoota Sadi Ajjeesuun Gabaafame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Waraanni Kommaandi Poostii Mootummaan Naannoo Beenishaagul-Gumuz Godina Matakkalitti boobbaase ajjechaa suukanneessaa Aanaa Dibaaxeetti namoota nagaa lama irratti raawwateen dargaggoo Lammeesssaa Waaqtolee fi  abbaa ilamaan lamaa Warquu Waaqjiraa  jedhamu ajjeesuu Oromia11 nama olla isaanii irraa qulqulleefatee jira.

Dargaggoo Lammeessaa Waaqtolee jiraataa Aanaa Diibaaxee Ganda Barbar yoo ta’u, qe’ee isaatii waraana mootummaan qabamee gaaffii tokko malee Ganda Giiphoo jedhamutti geessanii ajjeesuun bosonatti kan darban ta’uu jiraattoonni nuuf himan.

 Jiraataan Aanaa Dibaaxee Ganda Coqorsaa fi abbaa ilmaan lamaa ta’uun isaanii ibsame Obboo Warquu Waaqjiraa, haaluma wal-fakkaatuun mana isaatii qabamanii Ganda Giiboo jedhamu kanatti geeffamanii ajjeefamuun bosonatti kan gataman ta’uu odeeffannee jirra.

Namoonni ajjeefaman kunneen namoota nagaa yakka takko hin qabne hawaasa naannoo biratti jaallatamoo kan turan ta’uuf, siyaasaa kam keessattillee hirmaannaa kan hin qabne akka turan jiraattooni ollaa reeffa namoota kanaa bosona itti gataman kesaaa hawaasni kaasee kan awwaallatan ta’uu odeeffanne.

Ajjechaa wal fakkaataa Godina Arsii lixaa Aanaa Shashamannee Ganda Xaaxessaa jedhammutti waraanni PP raawwateenis lubbbun namaa nagaa tokko ajjeefamee jira.

Sababaan ajjechaan  Caamsaa 13 /2022, guyyaa dheengaddaa raawwate kanaas Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jechu akka tahe qulqulleefachuu sab-qunnamtiin WBO addeessee jira.

Gama biraan ammaa Godina Horroo Guduruu Wallaaggatti hidhattoonni Amaaraa Oromoota qe’ee isaanii irraa buqqisaa jiraachuun itti fufetti jiraachuun himame.

Jiraattoota bakkichaa irraa akka odeeffannnetti  hidhattoonni Amaaraa Aanaa Jaardagaa Jaartee Ganda Dargee Kootichaa  jedhamutti miidhaa geessisaniin jiraattota saamuu, qe’ee irraa buqqasanii lafa qonnaan bultootaa hiratanii qotachaa kan jiran tahuu duabbatu.

Gochi badiisaa kun Aanaa Horro Bulluq, gandoota akka Bonee Abuunaa fi Wabboo jedhamu irraas ga’aa kan jiru ta’uuf, jiraattoonni Oromoo hidhattoota Amaaraan dhiibamanii qe’ee ofii irraa gara magaalaatti godaanaa kan jiran ta’uu hubachuun danda’ameera.

Jiraattoonni Weerara humnoota Amaaraa kanaan qe’ee ofii irraa godaanaa kan jirru tahuu bulchitoonni naannichaaf humni mootummaa sirriitti utuu beekanii, miidhaa irratti raawwachiisaaa kan jiru ta’uu komatu

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of Mohammed Genemo

Mohammed Genemo

Blogger and Journalis at Oromia11

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu