TALAALLII COVID-19 HAA FUDHANNUU.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Addunyaan keessa jiraannu tun sababa dhibee Covid-19tiin raafamuu erga jalqabdee bubbuultee jirti. sa`aatii oduun Vaayirasii Covid-19 dhagahame irraa jalqabee hanga sa`aatii oduun Talaalliin dhibee kanaa argamuu isaa itti dhagahametti addunyaan gadda guddaa keessa turte.

Vaayirasiin xiqqoon dandeettii ija ilma namaatiin muldhachuu hin dandeenye tun, hawaasni addunyaa isiin hin raasin hin jiru.qabeenyi addunyaa isii ittisuuf bahe takkaa lamaa miti.Mootummoota gurguddoo addunyaa tanaa hundatti naasuu fi sodaa naquudhaan,hollannaa lafaa itti taatee turte.

COVID-19 MAAF SODAATAME?

Vaayirasiin Covid-19 xiqqoon tun,Muddee 12,2019tti jalqaba Magaalaa Wuhaan Chaayinaatti argamuun isii erga gabaafame irraa kaasee hanga ammaatti, jireenya hawaasa addunyaa kanaa golgoleessaa jirti.Lubbuun miliyoonota Jahaa ol yoo du`aan boqattu, lubbuun miliyoona 500 ol immoo dhibee kanaan qabamtee jirti.Vaayirasiin kun lubbuu ilmaan namaa dachii irraa mancaasuu qofa osoo hin taane,diinagdee biyya takkaa hidhatti kutuudhaan akka lammata lafaa ol ka` uun itti ulfaatu godhaa ture, hanga ammaattis ittuma jira.

Vaayirasiin dhibee Covid-19 qabeenya addunyaa daaraa godhuun caalatti, lubbuu ilmaan namaa miliyoona 6 ol ta`u galaafatee jira, lubbuu lammiilee sababa Vaayirasii kanaatiin hanga ammaa du`aniin immoo Biyyi Ameerikaa namoota kuma 900 ol ajjeeffachuu fi kanniin miliyoona 80 ol ta`an immoo qabamuudhaan sadarkaa jalqabaa irratti kan argamtu yoo taatu, biyyi Indiyaa fi Braaziil USA tti aanuudhaan sadarkaa Lammaffaa fi Sadaffaa irratti argamu.

TALAALLIIN COVID-19 ARGAMUUN MAAL FAYYADE?

Hawaasni addunyaa sababa vaayirasii kanaatiin raafamaa ture hundi qorannoo talaallii Vaayirasii kanaatiin boqonnaa dhabee ture. yaalii qorannoo saayintistoonni gara garaa taasisaniin booda milkaa`inni argame.Ji`a Hagayyaa, 2021tti yeroo jalqaba talaalliin gosa Faayizer hojii irra oolfamu addunyaan hawwiidhaan bu`aa isaa eeggataa turte. akkuma talaalliin kun faayidaa qabeessa ta`uun isaa mirkanaa`ee booda,hawaasni addunyaa talaalamuudhaaf fiigicha jalqaban.

Erga gosti talaallii Faayize,Moodernaa fi Joonsan Fi Joonsan hawaasa oomishamanii mirkaneeffamanii booda,hawaasa addunyaa biraan gahuudhaaf aarsaan gurguddaan gara garaa kaffalamee jira. akka gabaasni Bloomberg irraa bahe agarsiisutti, addunyaa tana irratti hanga ammaatti talaalliin doozii biliyoona 11 ol ummata addunyaatiif kennamee jira.

AMEERIKAA KUTAA MINISOOTAATTI HAALLI TALAALLII MAAL FAKKAATA?

Beeksisa Sagantaa Talaallii Bilisaa Covid-19

Ameerikaa kutaan Minisootaa Talaallii Covid-19 wal qabatee hojiilee gurguddaa gara garaa raawwataa jirti. bulchaan Kutaa Minisootaa Obbo Tim Walz jirattonni Minisootaa ulaagaalee talaalamuuf barbaachisan guutan hundi talaallii kana akka fudhataniif waan hedduu hojjataa jira.badhaasa talaalamuuf nama kakaasu jiraattota badhaasuu irraa jalqabee hanga tajaajiloota bilisaa gara garaa kennuutti jiran. kutaa magaalattii iddoowwan gara garaatti sagantaan talaallii Covid-19 bilisaan kennuudhaa gaggeeffamaa jira.

Xumura irrattis Hawaasni Ameerikaa,kutaa Minisootaa keessa jiraattan hundi duula talaallii Covid-19 lammiilee wajjiin gahuudhaaf godhamaa jiru irratti qooda fudhachuudhaan lubbuu du`a irraa haa ittifnuun dhaamsa Dippaartimantii Fayyaa Minisootaati.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu