Ameerikatti Kutaan bulchiinsa Minisootaa sagantaa mata duree “Ijoolleen talaallii haqa godhatan” jedhu jalatti, doolaara $100,000 ta`u barattoota kolleejjiiwwan Minisootaa keessatti argaman deemaniif bifa badhaasa kaka`umsaatiin qopheessee jira. Maatiiwwan ijoollee umrii 5-11 jiran qabanii fi kanniin ijoolleen isaanii talaallii fudhatanii jiran, sagantaa carraa badhaasa kaka`umsa talaallii covid-19 kana irratti akka galmaa`aniif foormiin qophaa`ee jira.


Maatiiwwan Jiraattota Isteeta Minisootaa ta`anii fi kanniin ijoolleen isaanii umrii 5-11 jiran talaallii covid-19 doozii lamaan hanga Ebla/April 11tti fudhatanii xumuran, sagantaa carraa badhaasaa kana irratti hirmaachuu ni danda`u.
Namoonni ulaagaa barbaachisu guuttan, carraa kana irratti hirmaachuudhaaf gama websaayitii armaan gadii kana deemtanii galmaa`uu ni dandeettu https://mn.gov/…/vaccine…/kids-deserve-a-shot/index.jsp
Akka Bulchiinsi kutaa Minisootaa beeksisetti yoo ta`e, bulchiinsi Ebla/April 15tti sirna carraa kaasuu kan gaggeessu ta`a. carraa kanaanis waliigalatti barattoonni shan kan injifatan yoo ta`u, carraan bahu kunis instituutii barnootaa mootummaa fi dhuunfaa kanniin tola ooltummaadhaan hojjatanii(Non-Profit) titti barachuudhaaf bu`a qabeessa ta`a.
𝐂𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐈𝐬𝐤𝐨𝐨𝐥𝐚𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢𝐩𝐩𝐢𝐢 $𝟏𝟎𝟎,𝟎𝟎𝟎 𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢…
𝐀. Jiraattonni Minisootaa umriin isaanii 5-11 kanniin talaallii doozii lama fudhatan ni hirmaatu.
𝐁. Kutaan minisootaa Carraa maallaqa barnootaa $100,000 barattoota shaniif walitti ni badhaafti.
𝐂. Carraa Kana irratti Hirmaachuudhaaf Maatiiwwan Hundi Ijoollee Isaanii kanniin umriin isaanii 5-11 jiruu fi talaallii doozii 2 fudhatanii jiran guyyaa xumuraa galmee Ebla 11 dura galmeessuu qabu.

Namoonni carraa kana irratti hirmaachuu barbaaddan,carraa, guyyaa galmeen itti xumuramuu fi guyyaa Carraan Itti baafamu armaan gaditti argachuu ni dandeettan.
𝐂𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧:- 1
𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐗𝐮𝐦𝐮𝐫𝐚𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞:- Ebla 11
𝐆𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧 𝐂𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐁𝐚𝐡𝐮 :- Ebla 15
Kutaa Minisootaa keessatti duulli talaallii covid-19 jiraattotaaf kennuu akkuma itti fufetti yoo ta`u, gareen ijjoollee umrii 5-11tti argamanii lakkoofsi isaa gar malee waan gadi bu`eef jecha kutaan bulchiinsa Minisootaa sagantaa badhaasa kaka`umsaa kana qopheessuuf filate. Jiraattonni Minisootaa waa`ee duula “Ijoolleen Talaallii Haqa Godhatan” jedhu,waa`ee galmee carraa fi seerota badhaasichaa baldhinaan barachuu yoo feetan, gama weebsaayitii https://mn.gov/…/vaccine-rewards/kids-deserve-a-shot/. Jedhuun seentanii odeeyfannoo gadi fageenyaa ilaaluu ni dandeettu.
Namoonni dhaamsa gara garaa Afaanota gara garaatiin argachuu barbaaddan immoo gama https://mn.gov/…/share-our-message/translations/index.jsp argachuu ni dandeettu
𝐂𝐨𝐯𝐢𝐝-𝟏𝟗 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐎𝐟𝐢𝐢 𝐅𝐢 𝐇𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚𝐬 𝐇𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐬𝐧𝐮𝐮
𝐃𝐢𝐩𝐩𝐚𝐚𝐫𝐭𝐢𝐦𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐌𝐢𝐧𝐢𝐬𝐨𝐨𝐭𝐚𝐚 (𝐌𝐃𝐇)