BAGA RAMADAANA BARA 1443 A.L.H ISIN GAHE.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ramadaanni bara 1443 A.L.H guyyaa hardhaa seenuun isaa gabaafame. Baatiin Sha’abaanaa 29 tti waan Dhumateef baatiin Ramadaanaa guyyaa hardhaa waan Mula’ateef guyyaan Ebla 2,2022 guyyaa jalqabaa hawaasni muslima addunyaa irratti argamu soomanu ta`uu isaa qorattoonni beeksisanii jiru.

Garee Qorattoota Ji`aa Sa`udii Arabiyaa

Kanuma Hordofuun Miidiyaan Oromia 11. hawaasa muslimaa addunyaa irratti argamtaniin baga baatii ulfaataa kanaan isin gahe jechuu barbaada.

RAMADAANAAN WAL QABATEE DHAAMSA COVID-19 IRRATTI MDH IRRAA KENNAME

Dippaartimantiin fayyaa Minisootaa akka jedhutti, ji`a ramadaanaa kana keessa yeroo salaataaf namni walitti qabamu, of eeggannoowwan akka Maaskii Kaayachuu, yeroo dhukkubsatan immoo manatti hafuu fi qorannoo Covid-19 godhuu fi hanga dhibee Covid-19 irraa fayyanii qulqullaa`anitti manaa bahuu dhabuun gaariidha jedha.dabalataanis namoonni qorannoo hatantamaa godhuu barbaaddan,Afaan Somaalii fi Ingiliffaaf Lakkoofsa 612-254-7757 irratti bilbiluun, kanniin Afaan Oromoo barbaaddan immoo 763-312-6362 irratti bilbiluun qorannoo hatantamaa godhuu ni dandeettu jedha.

Sheikh Naasir Hamzaa

Sheikh Naasir Hamzaa Masjida guddicha Tawfiq Kan Kutaa Magaalaa Miniyaappolisitti argamu irraa dhaamsa ramadaanaa fi Talaallii Covid-19 wal qabatu hawaasa addunyaatiif dabarsanii jiru. dhaamsa guutuu caqasuudhaaf viidiyoo kana daawwadhaa.

Dippaartimantiin Fayyaa Minisootaa gaafiiwwan soomanaa fi Talaallii Covid-19 wajjiin wal qabatee hawaasa irraa dhihaateef, dhaabbilee amantii gara garaa wajjiin mari`achuudhaan deebii kennee jira. gaafiiwwan akka Osoo Soomuu Talaallii Covid-19 fudhachuu ni danda`aa? jedhuu fi erga talaallii fudhadhee booda yoo na dhukkube hoo akkam ta`a? jedhuuf, deebiiwwan talaalliin nyaataa fi dhugaatiis waan hin taaneef osoo soomtuu fudhachuu ni dandeetta jedhuu fi yoo si dhukkube immoo sooma kee cabsitee yeroo biraa soomuu dandeetta jedhu kennee jira. odeeyfannoo baldhinaan argachuudhaaf immoo suuraawwan armaan gadii kanniin ilaaluu ni dandeettu.

Ammas irra deebi`uudhaan hawaasa muslimaa addunyaa gubbatti argamtan hundaan Oromia11 baga ji`a kabajamaa kanaan isin gahe yoo jedhu, of eeggannoowwan dhaabbilee fayyaa akka MDH irraa isiniif kennamanis hordofuu akka hin daganne isiniin jedha.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu