Tajaajila Waldhaansa Ija, Ilkaanii fi Kovid-19 Bilisaa Kanatti Fayyadamaa

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Namoonni talaallii bilisaa dhibee Kovid-19 bilisaan fudhachuu barbaaddanii fi tajaajila qorannoo dhiibbaa dhiigaa fi dhibee sukkaaraa bilisaan fudhachuu barbaaddan, guyyaa hardhaa Caamsaa 18,2024 tti Giddu gala Islaamaa Abubakar Assiddiiqitti sa`aatii 1-5pm tti argamuudhaan tajaajilamuu ni dandeettan.

Kilinika Maatii Abubakar kana keessatti daa`imman umrii 5-11 talaalliin bilisaa Kovid-19 ni kennama. Dabalataanis Kilinikiin oliif gadi socho`aan (mobile clinic) tajaajila qorannoo ijaa bilisaa waan gaggeessuuf manguddootni dhibee Sukkaaraa qabanii fi daa`imman carraa kanatti akka fayyadamaniif kilinikichi dhaamsa dabarfata.

Displaying PHOTO-2024-05-02-13-17-27.jpg

Tajaajiloota kanniiniin cinattis tajaajila ajaja daawwitii ijaa fi qorannoo ilkaanii bilisaan kan kennamu ta`a.tajaajila qorannoo ilkaanii jalatti qorannoo kaansarii qoonqoo fi afaanii kan gaggeessinu ta`a.

Namoonni ajaja ijaa barbaadanis inshuraansii qabanis ta’e osoo hin qabaatin bilisaan koobiliin akka isaaniif ajajamu argachuuf carraa ni argatu. Kun dhagaa gati jabeessa akkasii yoo ta’u, dubbii kana namoota hedduu bira ga’uu barbaanna! Gama ilkaaniin qorannoo bu’uuraa kan ta’u yoo ta’u, qorannoo kaansarii qoonqoo fi afaanii kan hammate ta’a.

Teessoon 2824 13th Ave S, Minneapolis, MN 55407

Guyyaan:- Sanbata Xiqqaa, Caamsaa 18, 2024

Sa`aatiin:- 1-5 pm

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu