Sochii Qaamaa Aadaa fi Talaallii Bilisaa Manguddoota Minisootaatiif

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Umriin manguddummaa hiree rabbiin namaaf qoodu keessaa takka yoo taatu, namoota rabbiin qooda kana kenneeftu lubbuudhaan turanii sadarkaa umrii kana dhaqaabanii ijaan argan.akkuma gaafa humna qaban waan hedduu godhaa turan sanitti gaafa humni nama dadhabde immoo waan danda`an gochuudhaaf tattaaffii godhan. rakkinnoonni umrii manguddummaa wajjiin wal qabatanii namatti dhufan garuu,waan yoo xiyyeffannaan irratti hojjatame hambisuun danda`amu.

manguddummaa fayya qabeessa qabaachuudhaaf sochiin qaamaa barbaachisaa ta`uu isaa ogeeyyonni fayyaa gorsu. dhimmuma kana irratti xiyyeeffachuudhaan kutaan bulchiinsa magaalaa Ramsey fi Dippaartimantiin Fayyaa Minisootaa waliin ta`uudhaan sagantaa sochii qaamaa aadaa manguddootaaf tahu qopheessaa jiran.

Namoonni sagantaa kana irratti qooda fudhachuu barbaaddan, Bitootessa 16,2024, sa`aatii 1:00pm-5:00pm tti Maplewood YMCA Community Center( 2100 White Bear Ave,Maplewood,MN,55109) tti argamuudhaan carraa kanatti fayyadamuu ni dandeettan.

Namoonni iddoo kanatti argamtan, carraalee akka Ittisaa fi kunuunsa dhukkuba sukkaaraa, nyaata adda addaa Manguddootaaf, qorannoo dhiibbaa dhiigaa bilisaa fi kanniin birootis argachuu ni dandeettan.

Eeyyeen guyyaa kanatti,carraan talaallii kovid-19 bilisaan fudhachuutis ni argama.dabalataanis manguddoota umrii 65 fi achii ol tahan hundaafuu talaalliin dhibee Qufaatis bilisaan ni kennama.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu