๐—š๐˜‚๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐——๐˜‚๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐˜๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—œ๐—ฑ๐—ถ๐—น ๐—”๐—ฑ๐—ฑ๐˜‚๐—ป๐˜†๐—ฎ๐—ฎ

Facebook
Twitter
LinkedIn
Telegram
Facebook
Twitter
LinkedIn

Guyyaan dubartootaa idil addunyaa hardha Bitootessa 8,2024tti sadarkaa idil addunyaatti kabajamaa jira. dhaabbilee Mootummoota gamtoomanii irraa kaasee hanga biyyoota gara garaatti guyyaan kun haala adda addaatiin kabajamaa jira. Guyyaan kun yeroo 113ffaaf sadarkaa addunyaatti kan kabajamaa jiru yoo tahu, dhaadannoo dubartoota irratti Invest haa goonuu jedhuun kabajamaa jira.

Akka odeeyfannoon seenaa irraa argame muldhisutti,guyyaan dubartoota kan kabajamuu jalqabe hiriira mormii dubartootaan hoogganamu kan bara 1900 moota keessa godhamaa ture irraa jalqabee tahutu himama. Hiriira mormii Bara 1908tti dubatoonni 15,000 ta’an maagaalaa Niw Yoork keessatti gaaffii hojii gabaabaa, mindaa foyya’aa fi mirga filachuu gaafachuun hirira mormii bahan irraa kaasee yaadni kabaja guyyaa kanaa burquu jalqabuu dubbatama.

Konfiransii dubartoota hojjatanii idil addunyaa Koppeen hagenitti bara 1909tti taa’ame irratti dubartiin Kilaaraa Zeetkiin jedhamtu yaada guyyaan dubartoota idil addunyaa akka kabajamuuf gaafattee itti milkoofte. Saganticharra kan turan dubartoonnii 100 biyya 17 irraa walitti qabaman yaada isheen walii galani. Paartiin Sooshaalistii Ameerikaa yeroo san tures guyyaan dubartoota biyyaalessaa akka labsamu godhee ture.

Guyyaan Dubatoota Addunyaa jalqaba kan kabajame A.L.A bara 1911 Ostria, Denmaaki, Jarmanii fi Siwizarlaanditti yoo tahu, seeraan dhaabbata Mootummoota gamtoomanii biratti fudhatama kan argate garuu,bara 1975tti ture. yeroo ammaa kana immoo biyyoota addunyaa hedduu keessatti kabajamaa jira.

Yaadni Guyyaa Dubartoota Addunyaa kabajuu kun aadde Kilaaraadhaan dhihaatee fudhatama argatus, guyyaan itti kabajamu ifatti hin beekkmne ture. Ayyaanni Guyyaa Dubartootaa Addunyaa Bitootessa 8tti kan jalqaba dabarfame bara 1913tti ture.Seeraan garuu guyyaan kun Bitootessa 8tti kan darbe bara 1917tti yeroo dubatoonni Raashiyaa ‘daabboo fi nagaa’ jechuun mormii bahaniin booda ture. Hiriirri mormii kun eegalee guyyaa afur booda bulchaan Raashiyaa aangoo gadhiisee mootummaan haaraa erga dhufee booda,dubartootaaf mirga filachuu kenneera.guyyaan hirirri kun itti eegale Bitootessa 8 ture.

Akkuma biyyootni addunyaa gara garaa guyyaa dubartootaa idil addunyaa kana kabajaa jiranitti, Itoophiyaanis Bitootessa 8,2024 haala addaatiin kabajaa jirti. Guyyaa kana yeroo 46ffaaf kan kabajaa jirtu yoo tahu, dhaadannoo “Ani eegduu Obboleettii Kootiiti.” jedhuun kabajaa jirti. biyya keessatti idoowwan gara garaatti haala addaatiin kabajamaa jira.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Guyyaa Dubartoota Idil Addunyaa 46ffaa Akkamiin Kabaje?

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa guyyaa dubartoota idil addunyaa sababeeffachuun balalliin gara biyya Ingiliz, Landan taasifamu hojjattoota dubartootaa qofaan akka hoogganamu taasisee jira. Balalliin guyyaa dubartoota idil addunyaa sababeeffachuun barana siโ€™a 9ffaaf mata duree โ€œdubartoota gahoomsuun Afrikaa walitti hidhuuโ€ jedhuun kaleessa galgala Finfinnee irraa gara Landanitti kan taasise yoo tahu, Kanaan duras daandiin qilleensaa Itoophiyaa balallii dubartootaan durfamu kan akkanaa gara Baankook, Kigaalii, Leegoos, Norweey, Bonas Ayirasii fi Zaanzibaar gaggeesse ture.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Telegram

Contact us

All Rights Reserved to Oromia11 Copyright ยฉ 2022 

Website designed by Fuad Siraj

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu