Aalimni guddaan aalimman biyya teenyaa keessaa tokko ta`uun isaanii himamuu fi namni aalima guddaa biyya sa`udii Sheek Useeymiin irraa barnoota barachuun, sheeka sagalee qur`aanaa kilooleedhaan ummata addunyaa booji`ee fi itti gaafatamaa Masjida Nabiyyii(Madiinaa) fi Masjidal Haram(Makkaa) ta`uudhaan ammaan tana tajaajilaa jiran Sheek Sudeeysii tajriida qaraasisan Sheek Abduu Yaasiin Ammajjii 7,2023tti rasaasaan duuba irraan rukutamanii addunyaa tana irraa boqochuun isaanii dhagahamee jira.
Aalimni guddaan kun biyya gara biyya Isaanii Itoophiyaa deebi`uudhaan naannoo Askoo masjida Badri jedhamutti Kaxiiba ta`uun tajaajila jalqabuu isaaniitiin duratti,baroota dheeraadhaaf masjida Aqsaa naannoo Afincoo bar jedhamutti barnoota Islaamaa barsiisaa turan.
Haalli Ajjeechaa Isaanii Maal Fakkaata?
Akka oduun nama ijaan hin arginee fi namni isaan yeroo hunda ija ta`aniifii harka isaa qabanii gara mana isaatti geessaa biraa deebi`an dubbatutti haalli ture akkana ture, “akkuma salaata isaanii xumuranii masjida isaaniitii bahaniin kitaaba isaanii qabatanii,daabboo mucaa isaaniitiif bitanii peestaalaan harkatti qabatanii jiran qabatanii gara namticha ijaan hin argine kan isaan masakanii geegessanii qajeelan, namicha ijaan hin argine kana harka tokkoon qabatanii,harka tokkoon immoo kitaabaa fi daabboo ilma isaaniitiif bitatan harkatti qabatanii imala isaanii jalqaban. akkuma xiqqoo deemanii karaa cabsataa bira gahaniin sagaleen dhukaasaa dugda duuba irraa dhagahame,sheek Abduun osoo hin turin lafa dhahanii dhiigni isaanii lafarra yaa`uu jalqabe.Namtichi qaro dhabeessi isaan wajjiin tures rifatee of wollaalee lafa dhahuu dubbate.”
Aallimni guddaan oolmaa biyyaaf oolaa ture kun haala kanaan dachii tana irraa godaanuun himame.yeroo isaan ajjeefamanitti ifaan dhaamee kan ture yoo tahu,akkuma isaan ajjeefamaniin booda deebi`uutu himame.aalimni guddaan kun abbaa ilmaan xixiqqoo fi nama liqaan birrii miliyoona 3 ol tahu irra jiraachuun himamaa jiru. liqaa isaanii kanas irraa kafaluudhaaf yaamichi guutuu hawaasaatiif godhamee maallaqbni guuramaa jira. Namoonni gargaarsa kana irratti hirmaachuu barbaaddan gama Maqaa Akkaawuntii Jamil Husen fi Abdu Husen Baankii dalada itoophiyaa 1000592716309 tiin hirmaachuu ni dandeettan.
Namni Ajjeechaa Aalima Kanaatiin Shakkame Eenyu?
Akkuma oduun ajjeechaa kun dhagahameen iyyii fi lallabni hawaasaa bakka hunda dhaqqabe, haaluma kanaan Poolisiin magaalaa Finfinnee nama imaama masjiidaa fi barsiisaa amantii Islaamaa Sheek Abduu Yaasin ajeesuun shakke Mahammad Shakuur Ababaaw barbaadaa jiraachuu ibse. du`a aalima kanaatiif gaddi itti dhagahamuu kan ibse poolisiin magaalaa Finfinnee namni shakkame kun akka harka kennatuuf yaamicha yoo godhu, hawaasni immoo bakka jiru akka eeruuf gaafatee jira.namni isaan ajjeesuun shakkame kun nama manni jireenyaa isaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo ta’ee fi nama harkasaaniin guddisaa turan tahuutu himame.
Sirna Awwaalchaa
sirni awwaalcha isaanii bakka awwaalchaa Muslimoota Kolfeetti gaggeeffame. haala addaatiin hawaasni muslimaa yaa`uudhaan aalima kana kan gaggeesse yoo ta`u,sirna gaggeessaa isaanii irratti haasaan gara garaa godhamee jira.
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Finfinnee ajjeechaan Sheek Abduu Yaasiin irratti raawwatame ”baay’ee nama kan gaddisiisu fi kan nama rifachiisu” jechuun ibseera; Mootummaa fi qooda fudhattoonni qorannoo hatattamaa gaggeessuun nama ajjeese seeratti akka dhiheessan dhaamaniiru. Akkasumas ummanni namoota imaama kana ajjeesan seeratti dhiyeessuuf odeeffannoo humnoota nageenyaatiin gaggeeffamuuf gargaarsa akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.