Waa`ee Dhukkuba Asmii/Xiichaa Wantoota Beekuun Barbaachisu

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Dhukkubni asmii/xiichaa dhukkuba ujummoo qilleensaa qilleensa gara sombaa geessuu fi ujummoolee qilleensaa somba keessatti argaman miidhu.yeroon dhukkubni kun nama qabatu immoo, yeroo baldhinni(diyaameetiriin) ujummoolee qilleensaa hirdhachuun sirritti qilleensa oliif gadi deddeebisuu dadhaban.baldhinni ujummoolee hirdhachuun kan mudachuu danda`u immoo,yoo ujummoon qilleensaa sun kulkula godhatuu fi dhangala`aa furdaa nama fayyaa qabu caalatti maddisiisuu jalqabu.ujummoo qilleensaa dhiphatee fi dhangala`aan guuttame keessa immoo qilleensi seeraan ol seenuu fi gadi bahuu hin danda`u.

Waa`een ka`umsa dhibee asmii/xiichaa kana jedhanii beekuun namatti ulfaata.maaltu akka dhibee kana namatti fidu hanga ammaatti wanti kana jedhanii adda baasuun danda`ame hin jiru.haa ta`u malee wantoonni dhukkuba kanaaf nama saaxilaman jedhaman akka armaan gadii kanatti tartiibaan kaayamanii jiran.

  • Firoota Dhiigaa Dhukkuba Asmiitiin Qabaman Qabaachuu.
  • Dhukkuboota Alarjii kanniin akka Alarjii gogaa fi saayinasii Qabaachuu.
  • Ulfaatinni Qaamaa gar malee dabaluu,Nyaataa fi dhugaatii tokko tokko.
  • Tamboo Aarsuu fi namoota tamboo aarsan cinatti yeroo hedduu argamuudhaan aara tamboo isaanii irraa ka’uuf saaxilamuu (passive smokers).
  • Dhukkee fi faalamiinsa qilleensaa, Dawaalee tokko tokkoo fi
  • Sababa hojii irraanis ta’e kan biroon keemikaalota warshaalee addaa addaa irraa maddaniif saaxilamuu.

Dhibeen kun ka`umsi isaa ifatti beekkamuu dhabus,sababoota irraa nama qabuu fi mallattoolee gara garaa qabaachuun isaa beekkamaadha. mallattoolee dhukkuba kanaa keessaa muraasni kanniin armaan gadiiti:-

  • Qufaasisuu.keessattuu yeroo halkan halkaniitii fi yeroo qorri hamaan yookiin diilallaan jiru.
  • Yeroo hafuura baafatanitti sagaleen xiixuu(Wheezing) dhaga’amuu.
  • Hafuura baafachuu dadhabuu ykn hafuurri nama cituu.
  • Qorra baramaa fi Dhukkubbii Qomaati.

Dhukkubni kun namaa namatti garaa garummaa guddaa qaba.namoota gariif salphaa fi mallattoo xixiqqoo qofa kan agarsiisu yoo ta`u,namoota gariif immoo hafuura baafachuu dhoorguu irraa kaasee hanga sadarkaa hojii idilee irraa dhaabuu fi ajjeesuus deemuu danda`a. mallattoon dhukkuba kanaa walitti fufiinsaan kan nama irratti muldhatan osoo hin taane,yeroo tokko walakkaa walakkaadhaan dhufee kan namatti cimuu fi yeroo kaan immoo namatti lashisu(furu).

Haasaan dhibee kanaan wal qabatee hawaasa keessatti haasa`amu kan dhibeen kun qufaadhaan nama irraa namatti ni dabra jedhu ragaa saayinsawaa hin qabu.kun dogongora yoo tahu,Hidda dhiigaa ykn genetics dhaan garuu hamma xiqqoo maatii irraa dhalatti darbuu dandaha. kana jechuun immoo Abbaa fi haati asmii qabaataniif dirqama ijoolleen isaanii asmii ni qabaatan jechuu miti.carraan ijoolleen kunniin namoota kaawwan irra asmiin qabamuuf qaban ol ka`aadha jechuudha.

Qaamni keenya uumamaan wantoota isaaf alagaa ta`an ofirraa loluun beekkama.ujummoon qilleensaa keenyas qaamota lolan keessaa tokko waan ta`eef,innis akkasumatti lola.ujummoon qilleensaa namoota dhukkuba kana qabanii yeroo wantoota tokko tokko isa mudatutti loluudhaan dhangala`aa furdaa armaan olitti kaafne san maddisiisuudhaan baldhinni isaa akka dhiphatu godha.wantoonni qaamni keenya loluun kunniin allergen kan jedhaman yoo ta`u, muraasni isaanii akka armaan gadiitti isiniif dhihaatu.

  • Sochii Qaamaa,Foolii Ilillii/abaaboo,
  • Taffii,Injiraanii fi Inshiiroo Mana keessaa. Qilleensa baay’ee qorraa, qilleensa baay’ee gogaa fi harca’a daraaraa gargaraa.
  • Foolii cimaa (ajaa ykn urgaa), Aara tamboo, Dhukkee,
  • Infeekshinoota ujummoo qilleensaa akka qufaa/utaalloo fi infekshinii sombaa kan biroo.
  • sammuun dhiphachuu (stress),
  • Aara qoraan boba’uu,
  • Foolii bineeldota manaa,
  • Foolii ilbiisota garagaraa,
  • Qorichoota dhukkuba biraaf kennaman tokko tokkoo fi kkf fa’a.

Qorichi dhukkuba asmii/xiichaa hundee irraa fayyisu hanga ammaa kan hin argamne ta’us, dhukkubicha too’achuu fi akka namatti hin dammaqne gochuun garuu ni danda’ama.Qorichoonni mallattoolee asmii too’atan kan yeroo dheeraa fi gabaabaa gosa heddutu jiran. Qorichoonni dhukkuba kanaaf kennaman kunniin akkaataa cimina dhukkuba asmii/xiichaa namni yaalamu sun qabu irratti hundaa’uudhaan adda adda kan ta’anii fi walitti fufiinsaan yookiin yeroo dhukkubni asmii kun namatti ka’u qofa kan fudhataman ta’uu malu.

Qorichoota mana yaalaa irraa dhukkuba kanaaf kennaman haalaan fudhachuun dhukkuba kana to’achuun ni danda’ama. Qorichoota kana biratti namni dhukkuba kanaan qabame waantoota isatti/isitti kakaasan yoo beeke/te waantoota sana hambisuu ykn irraa fagaachuu qaba/bdi. Fakkeenyaaf yoo qilleensa qorraa jibba ta’e afaan ofiitti marata yookaan kafana wayii godhatanii deemuun hedduu gargaara. Waan nutti kaasu beeknee irraa of eeguun waan salphaa miti, carraa qoricha cimaa fudhachuu fi hospitaala ciisuu irraa dhukkubsataa kana baraara. Yoo tamboo kan aarsinu ta’e dhiisuu akkasumas namoota tamboo aarsan irraa fagaachuunis barbaachisaadha.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu